Fana: At a Speed of Life!

Guddina Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf uummanni biyyattii waloon hojjechuu qaba- Obbo Aganyahu Tashaagar

Finfinnee, Sadaasa 28, 2018 (FMC)- Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar guddina Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf uummanni biyyattii waloon hojjechuu akka qabu dhaaman.

Kabaja Guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa 20ffaa sababeeffachuun Siimpooziyeemiin magaalaa Hosaa’inaatti gaggeeffamaa jira.

Obbo Aganyahu Tashaagar wayita kana kabaja Guyyaa Sabootaa, Sablammootaa fi Uummattootaa bara kanaa wantoonni adda taasisan jiraachuu kaasanii, guyyichi yeroo olka’iinsi biyyaa itti mul’ate, Hidhi Guddichi Haaromsaa itti xumurameefi filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf qophiin taasifamaa jirutti kabajamuun isaa adda akka isa taasisu eeran.

Itiyoophiyaan biyya guddoo ta’uu fi guddina ishee itti fufsiisuuf uummanni biyyattii waloon hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Waggoottan darbanitti kaba Guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa irraa bu’aan argamuu yaadachiisanii, kabaja Guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa bara kanaaf Naannoon Giddugaleessa Itiyoophiyaa hojii milkaa’ina qabu hojjechuu dubbataniiru.

‌‎Gammachuu Beekumaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.