Guddinni diinagdee Itiyoophiyaan galmeessite Afrikaanoota guddina caaluuf onnachiisa – Pireezidaanti Azaalii Asumaanii
Finfinnee, Adoolessa 1, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Koomooroos Azaalii Asumaaniin guddinni diinagdee Itiyoophiyaan galmeessite Afrikaanoota guddina caaluuf onnachiisa jedhan.
Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen kabaja guyyaa bilisummaa Koomooroos waggaa 50ffaarratti hirmaachuun ni yaadatama.
Itiyoophiyaan hariiroo Koomooroos waliin qabdu caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu kaasan Pireezidaanti Taayyeen saganticharratti haasawa taasisaniin.
Itiyoophiyaan oomisha nyaataan of danda’uuf tattaaffiin taasiifte jijjiirama qabatamaa fiduu eeruun, Koomooroos damee qonnaan Itiyoophiyaarraa muxannoo jabaa argachuu akka dandeessu dubbatan.
Pireezidaantiin FDRI Taayyee Astiqasillaaseen kabaja guyyaa bilisummaa Koomooroosirratti hirmaachuun Itiyoophiyaan kabaja biyyattiif qabdu agarsiisa jedhan Pireezidaantiin Koomooroos Azaalii Asumaaniin.
Marii waloo bu’aa qabeessa taasisuus kaasaniiru.
Guddinni diinagdee Itiyoophiyaan galmeessite Afrikaanoota guddina caaluuf onnachiisa jechuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.