Guddummaa Itiyoophiyaa irra deebiin mirkaneessuuf waloon dhaabbachuu qabna- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Bitootessa 1, 2018 (FMC) – Guddummaa Itiyoophiyaa irra deebiin mirkaneessuuf waloon dhaabbachuu kan qabnu amma jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Mininstirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa Godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Bal’oo Holqa Naasii’olitti taasisan ilaalchisuun ibsa kennaniin, daawwannaa Kanaan Itiyoophiyaa barree akka hin xumurreefi qabeenyi keenya hammaaramee kan hin dhumne ta’uu kan ittiin hubanne waan ta’eef baay’ee barachuufi qorachuu akka barbaachisu mul’isa jedhan.
Waa’ee biyya keenyaafi qabeenya ishee odeeffannoo gahaa osoo hin qabaatiin warreen kaan kan nutti himan irratti hundaa’uun imaammataafi tarsiimoowwan baasnu jijjiirama guutuu fiduu hin danda’an jechuunis ibsaniiru.
Odeeffannoowwan qabeenya uumamaafi qarooma Itiyoophiyaan qabdu ibsan gahaa argachuun rakkisaa ta’uu kaasanii, hayyoonni, qorattoonnii fi lammiileen qabeenya biyyattii qorachuun uummatatti beeksisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Godina Harargee Bahaatti hambaaleen qaroominaafi beekumsa durii agarsiisan jiraachuu eeranii, hariiroo Itiyoophiyaanonni yeroo sana turan uumama waliin qaban, qabeenya seenaa fi uumamaa qorachuun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru.
Hambaaleen guddummaa Itiyoophiyaa mirkaneessan jiraachuu ibsanii, guddummaa ishee kana irra deebiin mirkaneessuuf ida’amuun waloon dhaabbachuu kan qabnu ammadha jedhan.
Daawwannaa keenyaan waan hedduu baranneerra kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, warreen kaanis naannawicha osoo daawwatanii beekumsa gonfachuuf carraa kan argatan ta’uu ibsaniiru.
Hayilamaariyaam Taganyiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.