Gujiin wiirtuu tokkummaa, giddugala aadaafi safuuti – Pireezidaanti Shimallis
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC) –Gujiin wiirtuu tokkummaa, giddugala aadaafi safuuti jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan
Gujiin Woyyuu; Waaqatu woyyoonse! Lafa ardaan gubbaan sirna yabbuu, jalli warqee, Qe’ee nagaafi ulfoon mirgisu jedhan.
Gujiin warra Gadaan bulu qofa osoo hintaane, ummata hanga har’aatti wabiifi gaachana sirnichaa ta’eedha.
Akkasumas, Gujiin warra lallabee moggasuufi haaromsee seera raggasisudha.
Ummata koo kana gidduuutti argamuun fedhiifi hawwii isaa dhaggeeffachuu, akkasumas haala misoomni isaa irra jiru ijaan arguu kiyyatti daran gammadeera.
Daawwannaa kanaan kilaastaroota inisheetivii qamadii, kilaastara inisheetivii boloqqee, kilaastara inisheetivii bunaa, kilaastara furdisa looniifi loon aannanii, kilaastara lukkuu, piroojektii Bulchiinsa Magaalaa Adoolaa Waayyuu kanneen sakattaanerra jechuun ibsan.
Godina Gujii lafa gubbaan magariisa, jalli warqee ta’e osoo qabuu, ummata waanjoo boodatti hafummaafi hiyyummaatiin mankaraaru kana beekumsaan dorgomaa taasisuu, dinagdeen aangessuun galma olaanaa hoggansaa akka ta’uu qabu cimsee hubachiisuun barbaada.
Dilbiin Godina Gujii kan hojjetamee ol daran olaanadha. Inisheetivoota qabnu hunda godina keessummeessuu danda’u.
Ariitiifi bu’aa qabatamaa hiyyummaafi boodatti hafummaa cabsu mirkaneessuu qabna. Keessattuu caasaan gandaa, jijjiirama battalaafi maatii tokkoon tokkooniin jiraatamu dhugoomsuun amantaa ummataa jalqabarraa hundaa’eef argachuu qaba jechuun yaadachiisan Pireezidaanti Shimallis.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.