Gulaallii Waancaa Seekaafaan har’a Itiyoophiyaan Keeniyaa waliin taphatti
Finfinnee, Sadaasa 17, 2018 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Umrii waggaa 17 gadii har’a gita isaa Keeniyaa waliin morkiin Finfinnee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeessu ni eegama.
Gareen lamaan ramaddii ‘A’ jalatti kan argaman yoo ta’u qabxii 7 walqixa walitti qabachuun galchiin walcaalanii Itiyoophiyaan 1ffaa, Keeniyaan ammoo 2ffaadha.
Ramaddicharraa sadarkaa 1ffaan darbuuf morkiin har’a waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee taasisan ni eegama.
Taphoonni gulaallii xumuraa Waancaa biyyoota Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa biroonis kan taphatan yoo ta’u, Sudaan Kibbaa – Ruwaandaa, Sudaan – Burrundii fi Ugaandaan – Jibuutii waliin taphatu.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.