Gullisoon Shaampiyoonaa Kilaboota Naannolee Itiyoophiyaaf darbe
Finfinnee, Ebla 22, 2017 (FMC) –Kilabiin Bulchiinsa Magaalaa Gullisoo Shaampiyoonaa Kilaboota Naannolee Itiyoophiyaaf darbeera .
Gullisoon Piriimeer Liigii Oromiyaan taphoota 19 taphateen 9 injifatee 5 injifatamuun 5 ammoo qabxii qooddateen qabxii 32 sassaabbachuun goolabeera .
Kilabichi Godina Wallagga Lixaa bakka bu’uun kan hirmaate morkii cimaa gaggeesseen gorgommichaan galchiiwwan Walii galaa 23 lakkoofsisuun 15 keessummeessee galchii qulqulluu 8 fi qabxii 32n xumuruun Shaampiyoonaa Sadarkaa Biyyaalessaatti dorgomamuun yeroo jalqabaaf Oromiyaa bakka bu’uun hirmaachuu mirkaneeffateera.
#Oromia #Ethiopia