Gurmaa’insi Sadarkaa Gandaatti taasifame rakkoo walxaxaa hawaasaa akka furuufi –Obbo Addisuu Araggaa
Finfinnee, Caamsaa 7, 2017(FMC) – Gurmaa’insi Caasaa sadarkaa Gandaatti taasifame rakkoo walxaxaa hawaasaa ture furuun tajaajila haqa qabeessaa fi si’ataa kennuuf tarkaanfii Mootummaan Naannoo Oromiyaa fudhateedha Jedhan Sadarkaa Pireezidaantii itti aanaatti Qindeessaan Kilaastera Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaan.
Obbo Addisuun Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisootti waajjira Bulchiinsa Ganda Baddeessaa Qorichaa, Aanaa Wanciitti ammoo Waajjira Bulchiinsa Meexxii Waalgaa hirmaannaa uummataatiin ijaaraman eebbisuun tajaajila eegalchiisaniiru.
Gurmaa’insi Caasaa Gandaa kenna tajaajilaa haqa qabeessaa fi si’ata kennuu qofa osoo hin taanee humna misoomaa gandii qabu kan sochoosuudhas jedhan.
Milkaa’inoota Gurmaa’insaan argaman caalmaatti itti fufsiisuun Imala Badhaadhinaa biyyaatiin eegaltee saffisisuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Hawaasni nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti gahee isaa akka bahatuus Obbo Addisuun dhaamaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Mokonniin Baay’isaa gamasaaniin, Gurmaa’insi caasaa Gandaa rakkoolee kenna tajaajilaa sadarkaa gandaatti mul’atan bu’uurarraa kan furuu ta’uu himaniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.