Guyyaa har’aa Biqiltuwwan Miiliyoonni 700 ni dhaabamu
Finfinnee, Adoolessa 24,2017 (FMC)_ Itiyoophiyaatti har’a duula guyyaa tokkoon biqiltuuwwan miiliyoonni 700 ni dhaabamu.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad duulicha sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, sagantichaan Jabina, tokkummaa fi murannoo ummata keenyaaf qabnu agarsiisnaa jedhan.
Tattaaffii Itiyoophiyaa magarisaa fi qormaata dandamachu dandeessu ijaaruuf taasifamurratti hundi hirmaachuun waloon seenaa haa hojjenu jedhaniiru.