Guyyaa Sadiif gaddi biyyaalessaa labsame
Finfinnee, Bitootessa 4, 2018 (FMC) – Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Gaamoo naannawaa adda addaatti bala sigiga lafaa fi balaa lolaa mudateen lubbuun namootaa darbuu hordofee guyyaa sadiif gaddi biyyaalessaa labsameera.
Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoon Godinichatti Guraandhala 2, 2018 balaa sigiga lafaa mudateen namoota miidhaman 125 keessaa lubbuun namoota 80 darbuu ibsan.
Hojii Reeffa namoota hafanii barbaaduu itti fufuu eeruun, miidhaa qaqqabeef manni marichaa gaddi itti dhagahamuu ibsan.
Haaluma kanaan boruu eegalee guyyaa Sadiif gaddi biyyaalessaa labsamuu himaniiru.
Guyyoota kanatti naannolee hunda, Dooniwwan Itiyoophiyaarratti, Imbaasiwwanii fi Waajjira Qoontsilaatti Alaabaan gadi siqee akka mirmirfamu murtoon darbuu dubbatan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.