Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa seena qabeessatti, hojii seenaqabeessa haa hojjennu

Finfinnee, Adoolessa 23, 2017(FMC) – Adooleessi 24, guyyaa seena qabeessaa jijjiirama gama hedduun Itiyoophiyaa keessatti galmaa’aa jiru irratti guyyaa seenaan dabalataa itti galmaa’uuf jiru.

Guyyaa bu’uurri jijjiramaa itti eegale, Guyyaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad imala jijjiiramaa itti fufsiisuuf waadaa itti seenaan.

Qaama jijiirama kanaa kan ta’e raafamaa fi yaaddoo jiijiraama qilleensaan addunyaatti ba’aa tahee dandamachuuf baatiin Adooleessaa harki qabeenya uumaamaa mancaasee deebi’ee bayyanachiisuu kan itti eegalee ta’uun ni yaadatama.

Baatiin kun Sagantaan Ashaaraa magariisaa imaamataa fi tarsimoon deeggaramee tokkummaafi waloomaan biqilaan akka dhaabamuuf bu’uurri kan itti kaa’ameedha.

Bara 2011 yeroo jalqabaaf akka biyyaatti biqilaa biiliyoona 4 dhaabuuf karoorfamee hawaasa biyyatti mara hirmaachisuun kan karoorfameen ol biqilaan biliiyoonni 4.7 dhaabameera.

Guyyaa tokkottis biqilaa miiliyoona 300 dhaabuuf karoorfamee kutannoo lammilee biyyattin biqilaan miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 52 ol dhaabamuun Adooleessa 22/2011 guyyaa seenaa haaraan itti galmaa’uu eegaleedha.

Muxannoon bara kana argame baroota itti aananittis fayyadamuun biqilota biiliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun danda’ameera.

Kunis madaala qilleensaa eeguu bira darbee, wabii nyaataa mirkaneessuu keessatillee bu’aa qabatamaa addunyaan dhugaa ba’e galmeessiseera.

Uwwisni bosonaa akka biyyaatti bayyanachuun % 17 irraa gara %23.6 olitti guddateera.

Hanga bara 2022’ttis uwwisa bosonaa biyyatti %30’tti guddisuufis karoorfameera.

Milkaa’ina kanaaf ammoo biqilaawwan bara baraan dhaabaman akka latan hunduu kunuusuurratti gahee bahachuu gaafata.

Muxannoowwaan marsaa jahaan darabanirraa argamee fooyyeessuun Bara kana marsaa 7ffaatiin biqilaa biiliyoona 7.5 akka biyyatti dhaabuuf kan karoorfamee hojiin dursaa hojjetamaa tureera.

Baatii Waxabajjii walkkeessa irraa eegaluun, dhaabbiin biqilaa itti fufee jira.

Kanneen akka biyyaatti dhaabuuf karoorfame keessaa ammoo biiliyoonni 5.2 Naannoo Oromiyyatti qophaahuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaaarra arganne ni mul’isa.

Kanneen keessa hanga ammaatti biqilaan biliyoonni 3.5 ol akka Naannoo Oromiyaatti dhaabamuu ragaan biiricharraa arganne ni mul’isa.

Duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Marsaa 7ffaa Adooleessa 24, 2017 boru gaggeeffamuun, lafa hektaara kuma 200 fi kuma 94 ol irratti biqilaa miiliyoona 700 dhaabuuf qophiin xumurameera.

Hawaasni baddaa gamoojjii, kaabaa kibbaa hunduumtuu waamicha kana akka hirmaatan Ministirri Mummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessuun kan yaadatamuudha.

Ministeerri Qonnaas hawaasni hundi ni hirmaataa imaanaa jedheera.

Hawaasni miiliyoonni 30 ni hirmaataanis abdatameera.

Galma waloo waloon milkeesuun seenaa irratti seenaa hojjechuun biyya haa bayyanachiifnu!!

Raggaasaa Firoomsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.