Guyyaa tokkotti biqilaa miiliyoonoota dhaabuun qaama seenaa imala dhaabuun dandamachuu haa taanu -TKM
Finfinnee, Adoolessa 18, 2017 (FMC) – Guyyaa tokkotti biqilaa miiliyoonoota dhaabuun qaama seenaa imala dhaabuun dandamachuu haa taanu jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Bosona Itiyoophiyaa bakka duraatti deebisuuf sagantaa ashaaraa magariisaa erga eeggallee waggoota 7 gahuu hime tajaajilichi ibsa kenneen.
Waggaa 7ffaa keenya kan kabajnu guyyaa tokkotti biqilaa miiliyoona 700 dhaabuun jedhe.
Waggoottan jahaan darban tattaaffii cimaa taasiifameen sagantaa ashaaraa magariisaan biqilaa biiliyoona 40 dhaabuun uwwisa bosonaa Itiyoophiyaa % 23 gahuun danda’amuu ibse.
Guyyaa tokkotti biqilaa miiliyoona 700 dhaabuu fi waliigala sagantaa bara kanaan biqilaa biiliyoona 7.5 dhaabbatu yoo itti dabalame uwwisni Bosonaa Itiyoophiyaa caalmaatti akka dabalu yaadachiise.
Bara kanas guyyaa tokkotti biqilaa miiliyoonoota dhaabuun seenaa dabalataa galmeessuuf beellama yaa qabannu jedheera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.