Guyyaan alaabaa Imbaasiiwwan garaagaraatti kabajame
Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018(FMC) – Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa Imbaasiiwwan garaagaraatti kabajameera.
Imbaasiiwwan fi waajjiraalee qontsilaa Itiyoophiyaa biyyoota Chaayinaa, Paakistaan, Kuweet, Xaaliyaan, Zimbaabuwee, Faransaay, Jibuutii, Isiraa’el fi Gamtaa Emereetota Arabaatti kabajameera.
“Alaabaan keenya labsii bara olka’iinsaa Itiyoophiyaaf, walabummaa fi Haaromsa Itiyoophiyaaf’’ mata duree jedhuun sagantaalee adda addaan kabajamaa kan jiru yoo ta’u, kabajnifi jaalalli alaabaaf kennamuu qabu yaadatameera.
Akkasumas tokkummaa biyyaalessaa fi sabdaneessummaa cimsuuf aarsaa kaffalamaa jiru yaadachuun guyyichi kabajameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.