Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Alaabaa kabajamaa jira

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018(FMC)- Guyyaan Alaabaa 18ffaan guutuu biyyattiitti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.

Guyyichi mata duree “Alaabaan Keenya bara misiraachoo olka’iinsa Itiyoophiyaa, tokkummaa biyyaalessaa keenyaaf, birmadummaafi haaromsa Itiyoophiyaaf” jedhuun kabajamaati kan jiru.

Guyyaan Alaabaa kun hoggantummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan guutuu biyyattiitti sirnoota garaagaraan kabajamu eegaleera.

Dhaabbilee Mootummaa Federaalaa, Naannoleefi Bulchiinsa Magaalotaa Lameen, Kaampiiwwan Raayyaa Ittisaa, akkasumas Embaasiiwwaniifi Miisiyooniiwwan Itiyoophiyaa keessatti sa’aatii 4:30 irratti Alaabaa yaabsisuun, Alaabaa fuulduratti waadaa galuun fi qophiilee garaagaraan kabajama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.