Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Cichoominaa naannolee garaagaraatti kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 1, 2017(FMC)- Qaammeen 1 Guyyaan Cichoominaa mata duree “ Bu’uura Cimaa Biyya Jabduu” jedhuun naannolee garaagaraatti kabajamaa jira.

Guyyichi Naannoolee Sidaamaa, Giddugaleessa Itiyoophiyaafi Kibba Lixaa Itiyoophiyaatti agarsiisa loltummaa garaagaraan kabajamaati kan jiru.

Af-Yaa’iin Mana Maree Naannoo Sidaamaa Aadde Faantaayee Kabbadaa wayita kana, Guyyichi Hidhi Haaromsaa Guddichi xumuramee jala bultii eebba isaatti kabajamuun bu’aa cichoominaa qabatamaan kan mul’isedha jedhan.

Waggoottan jijjiiramaa keessa qormaatilee hedduun mudatanis qormaatilee kanneen cichoominaan darbuun gama maraan injifannoo galmeessisneerra jechuun ibsaniiru.

Bara 2017 xumuramaa qormaatilee humnoonni badii aggaaman hoggansa cimaan keessa darbuun milkaa’inni olaanaan galmaahuu eeranii, ammas tumsaan yoo hojjenne rakkoo nuti keessa darbuu hin dandeenye hin jiru jedhan.

Bifuma walfakkaatuun guyyichi naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa magaalaa Boongaafi Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Magaalaa Walqixxeettis kabajamaa kan jiru yoo ta’u, saganticharratti hoggantoonni mootummaa, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa fi Poolisii naannolee argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.