Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan daa’imman Afriikaa, sadarkaa Naannoo Oromiyaatti kabajame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2017 (FMC) – Guyyaan daa’imman Afriikaa, sadarkaa Naannoo Oromiyaatti sagantaalee garaagaraan kabajame.

Guyyichi mata duree “Dhaloota egeree horachuuf misooma daa’imman bu’ureeffate haa hojjennu” jedhuun hojiiwwan kalaqa daa’immanii Yuunivarsitii Arsii fi Bulchiinsa Magaalaa Asallaa keessatti daawwannaaf dhiyaatee fi sagantaalee gara garaan kabajameera.

Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa aadde Hikmaa Seeraddiin dabalatee Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gazaalii Abbaasimaal, Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa aadde Mabraat Baacaafi Kantiibaan Magaalaa Asallaa obbo Simee Tsaggaayeen kabaja guyyichaarratti argamaniiru.

Kaayyoon kabaja ayyaanichaas daa’imman dandeettii kalaqa adda addaa qabaniif beekamtii kennuu, daa’imman sababa adda addaan rakkoof saaxilaman deeggarsa akka argatan gochuudha.

Akkasumas maatiin daa’imman isaanii aadaa fi duudhaa oromoon hordanii akka guddisan hubannoo kennuu, daa’immaan miidhaa barmaatileef akka hin saaxilamne ittisuu fi daa’imman saafuu, aadaa, eenyummaa barsiisaafi ijaaraa deemuun murteessaa ta’uu saganticharratti ka’eera.

Olyaad Haaji Ahmaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia
#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.