Guyyaan hundeeffama humna qilleensichaa akkaataa bifa Itiyoophiyaa guddisee mul’isuun kabajama – L/J Yilmaa Mardaasaa
Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Guyyaan hundeeffama humna qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 90ffaan akkaataa bifa Itiyoophiyaa guddisee mul’isuun kabajama jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.
Ayyaanni guyyaa hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Amajjii 15 – 19, 2018tti sagantaalee garaagaraan kabajama.
Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan haala kabaja ayyaanichaa ilaalchisee qondaaltoota olaanoo waliin marii gaggeessaniiru.
Waggoota 90’f aasxaa ammayyuummaa fi birmadummaa ta’ee kan ce’e, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa guyyaa hundeeffama isaa akkaataa kabaja isaa madaaluu fi dandeettii isaa gituun kabajuuf qophiin xumuramaa jiraachuu kaasan.
Humnoota birmadummaa Itiyoophiyaa qocholuuf yaadaniif qophummaa fi ga’umsa dhaabbatichaa agarsiisuuf carraa guddaa ta’uu eeran.
Kanaaf guyyicha akkaataa bifa Itiyoophiyaa guddisee mul’isuun kabajamuuf qophiin xumuramaa jiraachuu yaadachisan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.