Guyyaan yaadannoo fannoo Yesuus Kiristoos Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa biratti kabajamaa jira
Finfinnee Ebla 2, 2018(FMC)- Guyyaan yaadannoo fannoo Yesuus Kiristoos Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa biratti kabajamaa jira.
Amantoonni Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaane Yesuus Itiyoophiyaa guyyaa fannoo Yesuus Kiristoos kadhannaan, galataan fi sirnoota birootiin kabajaa jiru.
Dabalataanis, barreeffamoonni waa’ee fannifamuu isaa dubbatan dubbifamaa, lallabaa fi faarfannaadhaan guyyichi yaadatamaa jira.
Fannoon kakuu Yesuus Kiristoos Addaamiif gale kan itti raawwatame, akkasumas guyyaa jaalalaa fi fayyinaa akka ta’e ibsameera.
Abbootiin amantaa Waldaa Kiristaanaa Makaane Yesuus, “Fannoon guyyaa dhiifamaa fi araaraati,” jedhan.
Amantoonnis waa’ee warra kaaniif jiraachuu, gadi of-deebisuu fi jaalala barachuu, akkasumas karaa qajeelummaa filachuu akka qaban dubbataniiru.
Abbootiin amantaa, “Yesuus Kiristoos fannoo irratti ‘Abbaa ko, waan godhan hin beekan dhiisiif’ jedhee araara kan itti gaafateedha; nuyis waliif dhiisuu qajeelfama jireenyaa godhachuu qabna,” jedhaniiru.
Rakkinaa fi dhiphinni Yesuus Kiristoos fannoo irratti fudhate bu’uura fayyinaa fi bilisummaa ilmaan namootaa waan ta’eef, walii yaaduu fi wal-kabajuun fakkeenyummaa Yesuus Kiristoos agarsiise hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’es ibsaniiru.
Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia # Ethiopia