Guyyoottan itti aanaan Roobni gannaa caalmaatti cimee itti fufa
Finfinnee, Adoolessa 7, 2017 (FMC) – Guyyoottan itti aanaan naannawaa hedduutti hammi Rooba gannaa caalmaatti cimee itti fufa jedhe Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa.
Baatii Adoolessaa kana keessa kutaalee biyyattii hedduutti hammi Rooba gannaa caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu Inistiityuutichi ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen himeera.
Kutaalee Kibba Lixaa, Kaaba Lixaa, Kaabaa, Lixaa, Giddugaleessaa, Bahaa fi Kaaba Bahaatti hammi Roobaa fooyya’aan kan jiraatu ta’uu ibse.
Naannawaan kunneen hamma Roobaa giddugaleessaa fi cimaa ta’e keessummeessu malu jedheera.
Keessattuu Kutaalee Kaaba Bahaa, Giddugaleessaa fi Lixa Itiyoophiyaatti Roobni cimaan Lolaa hordofsiisuu danda’u jiraachuu akka danda’u tilmaameera.
Kanaaf naannawaan kunneen of eeggannoo barbaachisu akka taasisan akeekkachiiseera.
Sululawwan balaa lolaaf saaxilamoo ta’anitti Lageen Guutuun balaan lolaa tasaa mudachuu akka danda’u hubachiiseera.
Adoolessa 13 eegalee guyyoottan 11’n walitti aananiif naannawaa Rooba gannaa argatan hundatti hammi Roobaa cimaa ta’e Roobuu akka danda’u raageera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.