Fana: At a Speed of Life!

Haadha ogummaa agartuu dhabuun hindaangessine…

Finfinnee, Waxabajii 18, 2017 (FMC) – Balaa tasaa umurii waggaa 8tti ishee mudateen agartuu ishee dhabde.

Miidhaa yeroo sana irra ga’e har’a yaadattee bal’inaan ibsuu baattus, humna dhabuun barnootaa fi hojiiwwan addaa addaa irraa gufachuun ishee garuu har’a gaabbii itti uumeera.

Ta’us rakkoo ishee irra ga’een abdii kutattee callistee taa’uu hin filanne.

Haati seenaa kanaa Haannaa Dabalee jedhamti.

Haannaan dhukkubbii ijaan bakka iti dhalatte baadiyyaa taa’uun waan ishee rakkiseef, Finfinnee dhuftee obboleettii ishee waliin jiraachuu akka murteessite dubbatti.

Boodarras utuun ogummaa qabuu namatti ba’aa ta’uu hinfedhu jechuun humnuma qabduun mana kireeffattee jireenya dhuunfaa ishee itti fufte.

Ogummaa yeroo ijoollummaa isheetti haadha ishee irraa akka tasaa baratte, har’a utubaa jireenya ishee ta’ee jira.

Agartuu dhabdus meeshaalee adda addaa qulqullina qaban hodhuun gabaaf dhioyeessuu dandeesseetti.

Migira harka isheen qaqaqqabdee adda baasuun meeshaalee halluu adda addaan faayyeffaman kanneen akka gundoo, masoobii biddeenaa fi daabboo qulqullinaa fi saffisaan hodhitee hawaasaaf dhiyeessuu danda’uun ishee namoota baay’ee ajaa’ibsiiseera.

Kana qofas miti, hojii mana keessaa utuu hin gufatin raawwatti. Mana qulqulleessuun, nyaata bilcheessuu fi uffata miicuun deggersa nama biraa ishee hinbarbaachisu.

Hojii kana ajajaan mamiloota isheef akka hojjettu kan dubbattu Haannaan, haalli gabaa yeroo dhiyoo asi qorre jireenya yoo itti ulfaachises, qormaata jireenyaa ciminaan keessa ba’uun kennaa kennameefiin Uumaa ishee galateeffachaa qabsoo jireenyaa itti fufteerti.

Dhibee ijaa isheef yaala ga’aa waan hin arganneef fayyuu danda’uu fi dhiisuu isaa beekuu akka hin dandeenye Poodikaastii Faanaatti himteetti.

Jabina isheen namoota biroof fakkeenya ta’uu fi dhibee ishee irraa fayyitee warren rakkoo keessa jiraniif qaqqabuun ammoo mul’ata ishee yeroo maraa ti.

Batsalot Mangashaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: https://www.facebook.com/FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.