Haala mijataa Itiyoophiyaan intarpiriinarshiippiif qabdu cimsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama- Aadde Muufariyaat Kaamil
Finfinnee, Sadaasa 8, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa aadde Muufariyaat Kaamil haala mijataa Itiyoophiyaan intarpiriinarshiippiif qabdu cimsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.
Torbeen intarpiriinarshiippii addunyaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Sagantaan kun Sadaasa 8-14, 2018’tti kan gaggeeffamu yoo ta’u waliin ta’iinsa Ministeera Hojiifi Ogummaa fi Inistiitiyuutii Misooma Intarpiriinarshiippiin kan qophaa’edha.
Aadde Muufariyaat Kaamil wayita kana sagantaan kun hojiilee keenya hanga ammaa kan itti ilaalluu fi yeroo itti aanutti haala fooyya’aan qopheessuuf kan nu dandeessisudha jedhan.
Itiyoophiyaan biyya abbootii kalaqaa maqaa ishee sadarkaa idil-addunyaatti waamsisan qabaachuu kaasanii, kalaqaaf mijattuu ta’uus ibsaniiru.
Waggoottan darbanittti rakkoolee kalaqaaf gufuu ta’an maqsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa turuus yaadachiisaniiru.
Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Misooma Intarpiriinarshiippii Dooktar Hasan Huseen gama isaaniin, intarpiriinaroonni rakkoolee keenyaaf furmaatawwan haaraa kan maddisiisan fi mul’ata qabanidha jedhan.
Itiyoophiyaan sagantaa intarpiriinarshiippii qopheessuun Biraaziil dursuun addunyaarraa 1ffaa ta’uus eeran.
Torbee Intarpiriinarshiippii 12ffaa kanaan leenjiiwwan, dorgommiiwwan yaada kalaqaafi qorannoowwan ni gaggeeffamu jedhan.
Soosinnaa Alamaayyoo.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.