Haala nageenya idil addunyaa tilmaamamuu hin dandeenyeefi jiijijiiramu keessatti bobbiin biyya bu’uuressuu danda’e raawwatame
Finfinnee, Adoolessa 9, 2017 (FMC) – Haala nageenya idil addunyaa tilmaamamuu hin dandeenyeefi jijjijjiiramu keessatti bobbiin biyya bu’uuressuu danda’e raawwatame jedhe Tajaajilli Odeeffannoofi Nageenyaa Biyyaalessaa.
Tajaajilli odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa raawwii karooraa bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti gamaaggama gaggeesseera.
Bakka Hoggantoonni Tajaajilichaa argamanitti marii gaggeeffameen bara 2017 haala nageenya idil addunyaa tilmaamamuu hin dandeenyee fi jijjiijjiiramu keessatti dhiibbaalee dandamachuun bobbiin biyya bu’uuressuu fi opireeshiniin garaagaraa raawwatamuu ibseera.
Bara baajatichaa dhaabbatichi ergama odeeffannoo funaanuufi xinxaluu bahachuun tarsimoo opireeshinii fi odeeffannoo poolisiif ta’uu maddisisuun qaamoolee murtoo kennaniif galtee taasisuun akka danda’ame himeera.
Odeeffannoo walitti qabaman bu’uura taasifachuun dhaabbiilee nageenyaa biroo waliin fi qindoomuun olaantummaan seeraa fi itti gaafatamummaan akka jiraatuuf hojiilee opireeshinii hedduu hojjetamuun eerameera.
Qaamoolee sochii seeraan alaa gaggeessanii fi faallaa faayidaa nageenya biyyaalessaa socho’an to’annaa seeraa jala akka oolan taasifamaniiru jedhe .
Haaluma kanaan wayita ammaa kutaalee biyyattiitii rakkoon nageenyaa ture akka furamuuf fooyya’iinsi bu’uuraa jiraachuu Tajaajilichi ibsa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif ergeen eereera.
Yaa’iwwan idil addunyaa biyyaatiitti gaggeeffaman akkasumas nageenya Ayiveeshinii mirkaneessuuf hanqinni kamuu akka hin uumamneef tajaajilichi bobbii bu’a qabeessa raawwachuu ibsichaan himameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo