Fana: At a Speed of Life!

Haala nageenya naannawichaa gamaaggamuun tarkaanfii qabatamaa fudhatachuuf waliigalame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2017 (FMC) – Haala nagaa fi tasgabbii naannawichaa qorachuun tarkaanfii qabatamaa fudhachuuf waliigalamuu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa beeksise.

Itti aanaan Daayirekteera Tajaajilichaa Taazeer Gabira Igizaaber ibsa kennaniin, yaa’iin Dhaabbilee Nageenyqa Baha Afrikaa yaada “Tumsa odeeffannoon, Nageenya Naannawichaa Cimsuu” jedhuun geggeeffamaa ture milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru.

Rakkoon nageenyaa kan biyya tokkoo qofa akka hintaane yaa’icharratti ciminaan kan ka’e yoo ta’u, bu’uura kanaan rakkoolee kanneen waloon ittisuuf hojjechuun murteessaa ta’uu yaa’iicha irratti waliigalameera.

Dhaabbilee nageenyaa biyyoota naannawichaa gidduutti sodaawwan nageenyaa dursanii ittisuun haala danda’amurratti waljijjiirraan odeeffannoo akka jiraatuuf Waliigalameera.

Yaa’icha irratti Afrikaa, Eshiyaa fi Awurooppaa irraa biyyoonni 30 ol hirmaataniiru.

Hirmaattoonni yaa’ichaas Hidha Haaromsaa Guddicha kan daawwatan yoo ta’u, mul’isa Afrikaanotni yoo waltumsan piroojektii guddaa akkanaa ijaaruun akka danda’amu hubachiisuu fi dhimmoota hidha guddichaa irratti mari’achuuf kan kaayyeffatee dha jedhameera.

Dabalataanis hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee daawwataniifi.

Andu’aalam Tasfaayeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.