Haaromsi Mana Amantaa Kiristaanaa Qulqulluu Goorgis Gannata Tsigee Mannaagashaa seenaa isaa guutuu taasisa- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Mudde 3, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan hojiin haaromsa Mana Amantaa Kiristaanaa Qulqulluu Goorgis Gannata Tsigee Mannaagashaa seenaa isaa guutuu taasisa jedhan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan guyyaa har’aa hojii haaromsa Mana Amantichaa daawwataniiru.
Hojiin haaromsa Mana Amantichaa haala sadarkaa isaa eeggateen fi ogeeyyii garaagaraa hirmaachisuun hojjetamaa jiraachuu eeruun, gamoofi mooraa isaa haala ammayyaafi seena qabeessummaa isaa eegeen haaromfamuun seenaa isaa guutuu taasisa jedhan.
Manni Amantichaa seenaa Injifannoo Adwaa waliin hidhata qabaachuu yaadachiisanii, wayita weerara faashistii 2ffaa akka yakkamaatti ilaalamuun ibiddaan gubamuurraa hanga halluu gurraacha dibamuu gahee akka ture ibsaniiru.
Hojiileen haaromsaa Mana Amantichaafi naannawaa isaa magaalaa ammayyoomsuu, bakka gahumsa tuurizimii babal’isuufi sadarkaa eegumsa hambaa guddisuu waliin walsimsuun akka hojjetamuuf qaamoleen qooda fudhattootaa gaheesaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.