Fana: At a Speed of Life!

Haati tokko al tokkotti daa’imman shan deesse

Finfinnee, Fulbaana 15, 2018(FMC)  – Godina Wallagaa Bahaa magaalaa Naqamteetti haati tokko al tokkotti daa’immaan shan da’aniiru.

Jiraattuu magaalaa Naqamtee kan ta’an aadde Asteer Tarrafaa kan jedhaman Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaatti yeroo tokkotti Daa’imman 5 da’aniiru.

Aadde Asteer  waggaa 5 dura daa’ima durba tokko erga da’anii asi daa’ima biroo osoo hin godhatiin turuu himaniiru.

Turtii waggaa shanii boodas guyyaa kaleessaa daa’imman dhiiraa 3 fi dubaraa 2 nagaan oofkalaniiru.

Yeroo ammaa haatii fi daa’imman isaanii sadarkaa gaarii irra kan jiran ta’uu Ispeeshaalistiin ulfaafi Gadameessaa Hospiitaalichaa Dooktar Biqilaa Lammii Faanaa miidiyaa Korpooreshinitti himaniiru

Mabraatee Hundeetu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.