Fana: At a Speed of Life!

Haleellaan Israa’eel Libaanosirratti raawwachaa jirtu waliigaltee dhukaasa dhaabuu gatii dhabsiisa – Iraan

Finfinnee, Ebla 1, 2018 (FMC) – Haleellaan Israa’eel Libaanosirratti raawwachaa jirtu waliigaltee dhukaasa dhaabuu Ameerikaa waliin taasifame hiikoo dhabsiisa jette Iraan.

Haleellichi waliigaltee dhukaasa dhaabuu torbee lamaa Ameerikaa waliin godhame guutummaatti gatii dhabsiisa jedhan Pireezidaantiin Iraan Maasuud Peezyishikiyaan.

Haleellaa Boombii Israa’eel Libaanosirratti gaggeessaa jirtuun guyyaa kaleessaa qofa lammiileen 254 yoo ajjeeffaman, kumni 1 fi 165 ammoo madaa’aniiru.

Libaanosii fi waliigalteen dhukaasa dhaabuu fuula tokko ta’uu kan ibsite Iraan, qaama waliigalticha cabse kamiifiyyuu deebii cimaan kan laatamu ta’uu akeekkachiifte.

Waliigaltichi Libaanosis kan hammatu ta’uu Islaamaabaadii fi Teehiraan ibsanis, Waashingitanii fi Teel Aviiv garuu waakkataniiru.

Ameerikaa fi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu waaraa taasisuuf  Sanbata dhufuu jalqabee marii eegaluun eegama.

Haleellaa Israa’eel Libaanositti lammiilee nagaarratti raawwattu akka dhaabdu kan gaafatte Turkiyyeen gama isheen, naannawichatti nagaa buusuuf birmadummaan Libaanos kabajamuu qaba jette.

Kanaafis tattaaffii Dippiloomaasii hunda kan taasiftu ta’uu ibsite.

Iraan waliigalteen dhukaasaa dhaabuu cabuu yoo ibsitu, Ministirri Muummee Israa’eel Beeniyaan Neetaaniyaahuun gama isaaniin Israa’eel Hiziboolaahi irratti haleellaa gaggeessitu cimsitee itti fufti jedhan.

Israa’el bakka feete haleeluu itti fufti jechuun akeekkachiisan.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampis Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu guutummaatti hanga kabajdutti Humni Waraanaa Ameerikaa naannawicha kan turu ta’uu dubbatan.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuun booda dooniiwwaan addunyaa Ulaa Hormuuz keessa darbuu itti fufuu BBCn gabaaseera.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.