“Haleellaan Libaanos irratti raawwatamu yoo itti fufe waliigaltee dhukaasa dhaabuu keessaan baha” – Iraan
Finfinnee, Bitootessa 30, 2018 (FMC) – Israa’el haleellaa Libaanos irratti raawvattu yoo itti fufte, waliigaltee dhukaasa dhaabuu keessaa akka of baastu Iraan beeksifteetti.
Akka ragaan qondaala ol’aanaa Iraan maqaan isaa hin caqasamin irraa argame ibsutti, gocha haleellaa waraanaa Israa’el Libaanos irratti raawwattuuf Iraan deebii waraanaa ni kenniti.
Israa’el har’as biyya Libaanos irratti haleellaa kan raawvatte yoo ta’u, kunis waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaaf Ameerikaa fi Iraan gidduutti mallateeffamee ture gaaffii keessa galcheera.
Iraan waliigalteen kun diigamuu isaa caqasuun, keessaa of baasuu akka dandeessu ibsuu BBC’n gabaaseera.
Gama biraatiin, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi, Libaanos qaama waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanaa akka hin taane dubbataniiru.
Pirezidaantichi dhimmi Libaanos sababa Hizboollaatiif waliigalticha keessatti osoo hin hammatamin hafuu ibsaniiru.
Oduu biraatiin, akka maddeen oduu Faarsi gabaasanitti, dooniiwwan boba’aa fe’atan ulaa Hormuuz akka hin dabarre dhorkamaniiru.
Dhorkaan kunis weerara Israa’el Libaanos irratti raawwatteen walqabatee akka ta’e tilmaamama.
Abeel Niwaayiin
#Oromia #Ethiopia