Fana: At a Speed of Life!

Haleellaawwan odeeffannoo utuu hincufin raawwataman heddummachuu…

Finfinnee, Amajjii 8, 2018(FMC) – Addunyaa irratti tooftaan haleellaa saayberaa yeroo irraa yerootti jijjijjiiramaa dhufeera.

Amma amma hubdoonni odeeffannoo cufuu caalaa hatuu fi maallaqa yoo kaffaltan malee ifatti baasna jechuun sodaachiisuun baay’ee dabalaa dhufuutu himama.

Akka qorannoo haaraa dhaabbileen nageenyaa ‘Siimaantiik’ fi ‘Kaarbon Bilaak’ jedhaman baasaniitti, haleellaan akkanaa bara faranjootaa 2024 28 ture gara kuma 1 fi 500tti guddateera.

Tooftaan haaraan kun keessumaa dhaabbilee faayinaansii, Waajjiraalee mootummaa fi dhaabbileen tekinooloojii Itiyoophiyaa ciminaan of-eeggachuu akka qaban kan argisisu ta’uu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo hubachiiseera.

Tooftaa haaraa kanaan yakkamtoonni saaybarii:

👉 Faayiloota waan hin qollofneef dhaabbileen miidhaan akka irra ga’e beekuu hin danda’an.

👉 Odeeffannoo icciitii, maamiloota isaanii fi ragaalee faayinaansii dhoksaan hatu.

👉 Ragaalee hataman “morkattoota keessanitti gurgurra yookaan interneetii irratti gadi dhiifna“ jechuun maallaqa guddaa gaafatu.

Haleellaan kun attamiin raawwatama?

Gartuuwwan haleellaa akka “ShinyHunters ” fi ” Scattered Spider” jiran dhaabbilee gurguddoo kan akka “Google” fi “Allianz ” kan miidhan irra jireessaan:

👉 Qaawwa dhiyeessitoota moosaajiin -dadhabina dhaabbileen Moosaajota biyyoota alaa ykn appilikeeshinoota dabalataa(Add-ons) fayyadamuu irratti qaban gargaaramuun

👉 Dagannaa hojjettootaan – hojjettoota bilbilaan ykn “email”n gowwoomsuun karaa (Social Engineering) koodota ittiin seenan fudhachuun
Of eeggannoo fudhatamuu qabu

Ogeeyyiin nageenya saaybarii, dhaabbileen neetwoorkii isaanii eeguun alatti tarkaanfilee kanatti aanan akka fudhatan gorsu.

👉 Fooyya’iinsa nageenyaa(Patch Management): Moosaajota akka ‘Oracke’ dhaabbilee keessatti hojiirra oolan yeroo yeroon haaromsuu

👉 Mirkaneessa sadarkaalee lamaa(MFA):- Hojjetaan kamuu gara siistemaatti yeroo seenu bilbila isaan ykn karaa biraan tooftaa mirkaneessa dabalataa akka gaafatu gochuu

Kunis koodii seensaa hatuu yoo barbaadanillee haleeltonni akka hin seenne ni dhorka

👉To’annoo qaama sadaffaa:- Moosaajonni dhaabbilee alaa irraa bitamanii fe’aman nageenyi isaanii hangama akka eegame ogeeyyii sakattaasisuu

👉Hubannaa hojjettootaa- hojjettoonni gaaffilee shakkisiisoo bilbilaan dhufaniif deebii akka hinkennineef leenjisuu

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.