Fana: At a Speed of Life!

Hambaalee Itiyoophiyaarraa sababa garaagaraan bahan deebisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 18,2017(FMC)- Hambaalee Itiyoophiyaarraa sababa garaagaraan bahan deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa.

Akka Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Gargaaraan Piroofeesaraa Ababaaw Ayyaaleew jedhanitti, hambaalee Itiyoophiyaarraa sababa garaagaraan bahan deebisuuf hojiilee hedduun hojjetamaniiru.

Ammas hambaalee dhaabbileefi namoota dhuunfaa garaagaraa bira jiran deebisuuf hojiin hambaaleen kunneen eessaa fi eenyu bira akka jiran adda baasuu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Waggoottan shanan darbanitti hambaalee namoota garaagaraa bira jiran dabalatee hambaalee hedduu fedhiifi mariin deebisuun danda’amuu kaasaniiru.

Gama biraan hambaaleen Itiyoophiyaa biyyoota garaagaraatti wayita caalbaasiif dhiyaatan karaa seera qabeessa ta’een caalbaasiirraa akka bahan gochuun gara biyyaatti deebisuuf kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.

Haaluma Kanaan bara baajataa xumurame keessa Gaachana Atsee Teewoodiroos, Kaabbaa Raas Dastaa Daamxoo, Niishaanii Urjii Itiyoophiyaafi hambaalee biroo caalbaasiirratti dhiyaatan akka caalbaasiirraa bahan gochuun gara biyyaatti deebisuun danda’amuu eeraniiru.

Hambaalee uumamaafi namtolchee haaraa ulaagaalee idil-addunyaa guutan “UNESCO”tti galmeessisuuf hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru.

Haaluma Kanaan Alnajaashii, Buna, Waazaa( Zumbaaraa), Fardeen Agaw, Seeraa Halaabaa, Qoccoofi hambaalee kanneen fakkaatan galmeessisuuf sanadni qophaa’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.