Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti oomishni qonna gannaa kuntaalli miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 14 sassaabame – Pir.Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan, gabaasa raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii dhiyeessaa jiru.

Bara oomishaa 2017/18 qonna gannaan lafa hektaara miiliyoona 11.8 midhaan gosa adda addaan uwwifamerraa callaa kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 69 walitti qabuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 14 sassaabame jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa Caffeef dhiyeessaniin.

Lafa sanyiin uwwifame keessaa hektaarri miiliyoonni 8.5 kilaasteraan kan misoome ta’uu himan.

Lafa waliigala qotame keessaa hektaarri miiliyoonni 6.9 tiraakteraan qotamuu ibsan.

Lafa hektaara miiliyoona 1.6 irraa oomishni Koombaayinaraan sassaabuu dubbatan Pireezidaanti Shimallis.

Bara kana lafa hektaara miiliyoona 4 Qamadii Jallisii boneen misoomsuuf karoorfamee hanga ammaati lafti hektaarri miiliyoonni 3.39 sanyiin uwwifamuu eeran.

Baatiwwan jahan darban keessa Kompoostiin idilee meetir kiyuubiin miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 62, Kompoostiin Raammoo ammoo kuntaalli miiliyoonni 3.9 qophaa’uu kaasan gabaasa isaaniin.

Dhangagga’ummaa biyyoo hir’isuuf hojii hojjetamaa jiruun baatiwwan jahan darban Nooraa kuntaala kuma 72.4 oomishuun danda’uu himan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.