Fana: At a Speed of Life!

Hannaafi mancaatii bu’uuraalee misoomaa elektirikaa irra gahu ittisuuf waamichi dhiyaate

Finfinnee, Mudde 2, 2018 (FMC)- Hannaafi mancaatii bu’uuraalee misoomaa elektirikaa irra gahu ittisuuf hundi qooda isaa akka bahatu waamichi dhiyaate.

Hojii raawwachiisaan Kominikeeshinii Tajaajila Elektirikii Itiyoophiyaa obbo Anwaar Abraar akka jedhanitti, hanniifi mancaatiin iddoowwan garaagaraatti bu’uuraalee misoomaa elektirikaa irra gahu yeroo yeroon dabalaa jira.

Keessumaa hanni humnaa, tiraanisfoormerii, haada daddabarsa elektirikaafi mancaatii konkolaattonni bu’uuraalee misoomaa elektirikaatti bu’uun geessisan bal’inaan kan mul’atan ta’uu eeraniiru.

Baatiiwwan arfan darbanitti miidhaaleen 107 bu’uuraalee misoomaa elektirikaarra gahuu yaadachiisanii, kanneen keessaa himannaawwan yakkaa 10 banuun adeemsa murtiirra kan jiran ta’uufi kanneen hafan qoratamaa jiraachuu dubbatan.

Baatiiwwan darban hannaafi mancaatii bu’uuraalee misoomaa irratti raawwatamaniin miidhaan Birrii miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 43.29 qaqqabuu obbo Anwaar Faanaa Dijiitaalif ibsaniiru.

Miidhaan bu’uuraalee misoomaa irra gahaa jiru nama dhuunfaafi dhaabbatarra darbee diinagdee biyyaa irratti miidhaa qaqqabsiisaa akka jiru hubachiisaniiru.

Yeroo itti aanutti hojii eegmsa bu’uuraalee misoomaa cimsuuf qaamolee haqaafi qaamolee qooda fudhattootaa biroo waliin kan hojjetamu ta’uus kaasaniiru.

Hannaafi mancaatii bu’uuraalee misoomaa elektirikaa irra gahu ittisuuf hindi gaheesaa akka bahatuuf waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.