Har’a Maanchiister Yuunaayitiid Boornimaawuuz keessummeessa
Finfinnee, Mudde 6, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz sagantaa xumuraa torbee 16ffaan har’a Maanchiister Yuunaayitiid Boornimaawuuz keessummeessa.
Falmiin har’a halkan sa’aatii 5:00 eegalee kilaboota lamaan gidduutti taasifamu ni eegama.
Yuunaayitiid tapha har’aa kana yoo injifate qabxii isaa 28’n gahuun sadarkaa 5ffaa qabata.
Kilaboonni lamaan taphoota shan as dhiyeenya waliin taphatan keessa Maanchiister 1 qofaan Boornimaawuuz injifate.
Boornimaawuuz ammoo yeroo 2 injifachuun taphoota 2 ammoo qabxii qoodataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.