Fana: At a Speed of Life!

Har”a morkiin Arsenaal Boornimaawuuz waliin taasisu akkaan eegama

Finfinnee, Ebla 3, 2018(FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 32ffaan morkiin Arsenaal Boornimaawuuz akkasuma Cheelsiin Maanchiister Siitii waliin taasisan akkaan eegama.

Har’a waaree booda sa’aatii 8:30 jalqabee Arsenaal Boornimaawuuz keessummeessa.

Arsenaal imala gara Waancaa cimsachuuf taphni kun murteessaa waan ta’eef morkii eegamuudha.

Kilaboonni lamaan taphoota waliin taphatan 19 keessaa Arsenaal yeroo 14 yoo injifatu, Boornimaawuuz si’a 3 injifachuun yeroo 2 ammoo qabxii qooddataniiru.

Taphoota biroon sa’aatii 11:00 eegalee Bireentifoordi -Eevatan, Barnileey – Biraayitan waliin yoo taphatan, galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Liiverpuul -Fuulhaam waliin morkata.

Boru waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee Kiristaal Paalaas – Niwuukaasiil, Notingahaam Forest – Astoon Viilaa, Sandarlaand – Tootenhaam waliin yoo falmatan, galgala sa’aatii 12:30 jalqabee morkiin Cheelsiin Maanchiister Siitii waliin taasisu ni eegama.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 181 keessaa Cheelsiin yeroo 71 yoo injifatu, Siitiin si’a 67 injifachuun, yeroo 43 ammoo qabxii qooddataniiru.

Maanchiister Siitii morkii waancaa cimsachuuf, Cheelsiin ammoo carraa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa argachuuf falmiin taasisan xiyyeeffannoo argateera.

Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Arsenaal qabxii 70 Liigicha yoo dursu, Maanchiister Siitiin qabxi 61sadarkaa 2ffaa fi Maanchiister Yuunaayitiid qabxii 55 sadarkaa 3ffaa qabataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.