Hariiroon loltummaa Itiyoophiyaan Ameerikaa waliin qabdu cimee itti fufa- Fiildi Maarshaal Biraanuu Julaa
Finfinnee, Sadaasa 16, 2018(FMC) – Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa Itiyoophiyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Julaa hariiroon loltummaa Itiyoophiyaan Ameerikaa waliin qabdu cimee itti fufa jedhan.
Fiildi Maarshaal Biraanuu Julaa kana kan dubbatan wayita Humna Waraanaa Ameerikaatti Ajajaa Ajaja Afrikaa waliin mari’atanitti.
Itiyoophiyaa fi Ameerikaan nagaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaatti mirkaneessuuf dhimmoota dandeessisan irrattis mari’ataniiru.
Fiildi Maarshaal Biraanuun wayita kana, biyyoonni lamaan loltummaa dabalatee baroota dheeraaf tumsaan hojjechaa turuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan shororkeessitummaa ittisuun ga’ee olaanaa taphachaa akka jirtus cimsanii dubbataniiru.
Fedhiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa nagaa fi dinagdee ishee ijaaruuf akka ta’e ibsanii, hariiroon Ameerikaa waliin jiru cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan Alshabaabiin dadhabsiisuu fi shira shororkeessummaa isaa fashaleessuuf tarkaanfii fudhattu cimsitee akka itti fuftus mirkaneessaniiru.
Jeneraal Daagviin R.M. Andarsan gama isaaniin, naannawichatti tasgabbii buusuuf ga’ee Itiyoophiyaan taphachaa jirtu jajaniru.
Itiyoophiyaa fi Ameerikaan shororkeessitummaa Waloon ittisuuf hojii eegalan cimsanii akka itti fufanis ibsan.
Tattaaffii Itiyoophiyaan ulaa Galaanaa karaa nagaan argachuuf gootu akka deggeranis ibsanii, Itiyoophiyaan gara Galaana Diimaatti yoo dhufte nageenya naannawichaaf caalmaatti hojjetti jedhani akka amanan kaasaniru.
Fedhii fi naannawichatti nagaa fiduuf karoora Itiyoophiyaan qabatte irrattis aanga’oota Waashingitan DC waliin akka mari’atan dubbachuu isaanii Miidiyaan Raayyaa Ittisaa Faanaa Dijiitaalitti himeera.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia