Harki xiiqiif diriire Gaaddisa dhalootaaf ijaaraa jira – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan duula boru guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuu ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Harki xiiqiif diriire Gaaddisa dhalootaaf ijaaraa jira jedhan.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.
Addunyaan madaalli uumamaa tikfamuu isaatiin marfata uumamaatiin qajeelfamtee bulti. Madaala uumamaa tiksuufis qabeenyi uumamaa; keessumaa bosonni jiruufi jireenya lubbuu qabeeyyii maraaf utubaadha.
Ilmi namaas jiraachuuf jecha qabeenya uumamaa harkuma isaatiin mancaasuun madaalli uumamaa akka jeeqamu taasisuu bira darbee jireenya lubbu qabeeyyii maraa gaaffii keessa galche. Madaala uumamaa jeeqame sirreessuufis biyyootni itti gaafatamummaa jabaa fudhachuun tarkaanfilee garaa garaa hojiirra oolchaa jiru.
Itoophiyaanis barii jijjiiramaa irraa eegaluun imala uumamatti araaramuu tarkaanfii haaraa sagantaa Ashaaraa Magariisaa Muummichi Ministeraa Dr Abiyy Ahmad maddisiisan hojiirra olchite. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hidhata Ida’amuu duudhaafi safuu ganamaa Oromoon uumama waliin qabuun kan guutame fala mandhalee qormaata jijjiirama qilleensaa qolatudha.
Uummatni Oromoo beekumsa xabboo duudhaafi safuu ganamaa kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaa qabuun masakamee waamicha sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2011 taasifame simachuun waggoota ja’an darbe waktii Bonaa hojii misooma sululaafi Gannas sagantaa Ashaaraa Magariisaan Lafa hektaara miliyoona 6.8 olirratti biqiltuu gosa garaagaraa biliyoona 23.5 dhaabuun danda’ameera.
Dhaabbii biqilaa gosa garaagaraa gaggeeffamaa ture kanaanis % 88 ol kan late yoo ta’u uwwisni bosonaas % 17 irra tures gara % 29tti ol guddachuu danda’eera.
Hojiin misoomaafi kunuunsa qabeenya uumamaa gaggeeffamaa jirus madaalaa uumamaa tiksuun ergama dinagdee magariisaa milkeessuun kan danda’amu ta’uu agarsiiseera. Hojii kanaan jijjiirama qilleensaa qolachuu cinaatti wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun sagantaa dinagdee damdamataa ijaaru ta’aa dhufeera. Kana malees, biqilaan heddumminaan dhaabamaa jiru bishaan akka lafa seenu taasisuun dhiqamni biyyoo hir’atee ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaafi Hidhaawwan kanneen biroos dhiqama biyyoo irraa ittisuun tajaajila yeroo dheeraa akka kennaniif milkaa’inaaf tumsaa jira.
Hojii kunuunsa Qabeenya uumamaa hojjetamaa dhufeefi jiru kanaan gaaronni bosonoomanii daachawwan gogan jiidha horatanii burqaan goges deebi’eera. Gabbina biyyoo fooyyessuun oomishtummaan akka dabalus taasiseera. Bosonni waloos babal’ataa kan dhufe yoo ta’u da’oo bineensotaa ta’uu bira darbee madda galii sharafa olaanaa agamsiisus ta’aa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii seena qabeessa hoggansi keenya yaadee karoorsee uummatni keenya hojjetee milkeessef galata guddaa kan qabu ta’uu hubachiisuun barbaada.
Harki uummata keenyaa xiiqiif gamtaa’e eegumsa naannawaa dabaluun misoomni Turiizimii naannoo Oromiyaas hawwataa ta’aa akka deemu taasiseera. Ergama kana itti fufiinsaan milkeessuuf mootummaan naannoo Oromiyaa sagantaa Ashaaraa magariisaa irratti uummata naannichaa qindeessuun xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jira. Hojii waggoottan darban hojjetameenis harki xiiqiif gamtaa’e qormaata jijjiirama qilleensaa qolachuu danda’uu isaa gochaan mirkaneessuun Gaaddisa dhalootaaf ijaaruu irratti argama.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara 2017 milkeessuufis mootummaan Naannoo Oromiyaa imala ‘Dhaabuudhaan bayyanachuu tumsuun Gaaddisa Dhalootaa itti fufiinsaan ijaaruuf Adoolessa 24/2017 guutuu Oromiyaatti biqilootni gosa gara garaa miliyoona 524 tajaajila lammummaan akka dhabamuuf qophii hunda xumureera.
Adoolessa 24 uummatni keenya gola Oromiyaa hundatti biqiltuu dhaaba. Kanaafis Imala dhaabuudhaan bayyanachuu tumsuun Gaaddisa Dhalootaa itti fufiinsaan ijaaruuf hunduu gamtaan haa kaanu, Ashaaraa keenyas haa keenyu.
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa: Pirezidaantii MNO
Adoolessa 23/2017
Finfinnee
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.