Fana: At a Speed of Life!

Harri ‘Nigaat’ Itiyoophiyaaf kennaa bal’aa fidee dhufe – Dooktar Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018(FMC) – Harri nam-tolcheen Nigaat Hidha Haaromsaa guddicha irratti umame Itiyoophiyaaf kennaa hedduu fidee akka dhufe Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaa dubbatan.

Ministeerri Bishaanii fi Inarjii wixinee maaster pilaanii Hara Nigaat irratti qooda-fudhattoota wajjin Bishooftuutti mari’ataa jira.

Dooktar Habtaamuun waltajjicha irratti akka dubbatanitti, dhaloonni fi geggeessaan amma jiru Itiyoophiyaan Laga Abbayyaan akka boontu gochuu danda’eera.

Itiyoophiyaanonni waliin dhaabannee Hidha Haaromsaa guddicha dhalootaa dhalootatti darbu dhugoomsineerra kan jedhan Dooktar Habtaamuun, ashaaraa seenaaf darbu kaa’uuf tumsaan hojjechuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Hidhichi humna elektirikaa maddisiisuun ol ta’uu ibsanii, Itiyoophiyaa irras darbee biyyoota ollaaf eebba fidee kan dhugfe ta’uu dubbataniiru.

Harri nigaat Hidhicha irratti uumame fi Afrikaa keessatti 4ffaa ta’e guddina dinagdee biyyaaf ga’ee guddaa qabaatas jedhan.

Kana milkeessuufis maaster pilaaniin Hara Nigaat qophaa’aa akka jiru eeraniiru.

Odoloawwan 70 ol kan qabuu fi bishaan meetir kuubii biliyoona 74 ol kan qabate Harri Nigaat Itiyoophiyaaf eebba kan fide ta’uus dubbataniiru.

Harichi misooma qabeenya qurxummii, geejjibaa fi tuurizimii dabalatee lammiileef carraa hojii uumuuf hum,na guddaa kan qabu ta’uu kaasanii, qoodafudhattoonni qophii maaster pilaanichaaf galtee akka gumaachan gaafataniiru.

Abiy Geetaahuniin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.