Hawaasa fayya qabeessa horachuuf deeggarsi dhaabbilee barnoota oolaanoo murteessaadha
Finfinnee, Waxabajjii 24, 2017 (FMC)- Yuunivarsiitiin Haramaayaa waggoottan 2’n darban meeshaalee fayyaa Birrii miiliyoona 800 olitti tilmaamaman hospitaalotaaf deeggarsa taasiseera jedhan Pireezidaantiin Yuuniivarsiitichaa Dooktar Jamaal Yuusuuf.
Yuuniivarsiitichi qorannoowwan fayyaa hawaasaarratti xiyyeeffatan gaggeessuun cinatti dhaabbilee deeggarsaa biyya keessaafi alaa qindeessuun deeggarsa meeshaalee fayyaa Birrii miiliyoona 800 olitti tilmaamaman taasisuu himaniiru.
Waltajjiin qorannoo fayyaa hawaasaa Inistiitiyuutii Qorannoo ‘Armawer Harnes’ Yuuniivarsiitii Haramaayaa waliin ta’uun qopheessan gaggeeffamaa jira.
Yuuniivarsiitichi Inistiitiyuuticha waliin ta’uu waggoottan 10 darbanitti hojiileen qorannoo fayyaa hawaasaa irratti hojjechaa ture bu’a qabeessa ta’uu Daarektarri tti Aanaan Inistiitiyuutichaa Dooktar Alamsaggad Abdiisaa yaadachiisaniiru.
Gorsaa Olaanaan Ministeera Fayyaa Dooktar Shaaloo Dhaabaa gamasaaniin, qorannoowwan fayyaa hawaasaarratti gaggeeffaman hawaasaa fayyaan badhaadhe horachuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Ministeerri Fayyaa dhaabilee barnoota olaanoo waliin ta’uun giddugaloota qorannoo fayyaa hawaasaa babal’isaa akka jirus kaasaniiru.
Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun, qulqullina naannoo eeguuniifi hojii eegumsa qabeenya uumamaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuun hawasa fayya qabeessa horachuuf murteessaa ta’uunis eerameeraa.
Yuunivarsiitiin Haramaayaas hawaasni wabii midhaan nyaataa akka mirkaneeffatuuf sanyiiwwan filatamoo bu’aa qorannoo ta’an hawaasaa biraan gahaa jiraachuun ibsameera.
Nageessoo Kadiirtu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna