Hawaasa fayya qabeessa horachuuf waliingahiinsi talaallii qooda olaanaa qaba- Ministeericha
Finfinnee, Sadaasa 16, 2018(FMC)- Ministeerri Fayyaa hawaasa fayya qabeessa horachuuf waliingahiinsi talaallii qooda olaanaa qaba jedhe.
Talaalliin dhibee Tiruu sadarkaa biyyaalessaatti daa’immaniif kennamuu magaalaa Finfinnee Hospitaala Abbabeech Goobanaatti eegalchiifameera.
Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan wayita kana hawaasa fayyaa qabeessa horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhibee tiruu lubbuu daa’immaniifi haadholii galaafatu dursanii ittisuuf sadarkaa biyyaalessaatti talaalliin daa’immaniif kennamu eegalamuu eeraniiru.
Hawaasni talaallii kanatti akka fayyadamuuf keessumaa haadholiin dhaabbilee fayyaatti akka dahaniif hundi gaheesaa akka bahatu dhaamaniiru.
Talaalliin dhibee tiruu daa’immanii kun dhaabbilee fayyaa mootummaafi dhuunfaa filataman keessatti kan kennamu ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.