Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Manneen Murtiitti sirnaan akka fayyadamuuf kutannoon hojjetamaa jira- Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan

Finfinnee, Hagayya 27, 2017(FMC)- Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan hawaasni Manneen Murtiitti sirnaan akka fayyadamuuf kutannoon hojjetamaa jira jedhan.

Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan Yaa’ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa 7ffaa magaalaa Naqamteetti gaggeeffamaa jirurratti akka jedhanitti, Yaa’iin kun qulqullina kenniinsa tajaajila Abbaa Seerummaa fooyyessuun amantaa uummanni manneen murtii irratti qabu kan guddisu akkasumas karoora mootummaan haqa hawaasaa mirkaneessuuf qabate fiixaan baasuuf gargaara.

Manneen murtii tajaajila si’ataa akka kennaniif hojjetamaa jiraachuu kaasanii, hawaasni manneen murtiitti sirnaan akka tajaajilamuuf kutannoon hojjetamaa jira jedhan.

Manneen murtii hawaasa sirnaan tajaajiluun rakkoon isaa akka furamuu fi itti quufiinsa manneen murtii akka mirkaneeffatuuf hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.

Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaa Simal gamasaaniin, tajaajila kenniinsa haqaa diijitaalessuuf hojjetamaa jiraachuufi hojii kana milkeessuuf qaamoleen deeggartootaa hundi tumsuu akka qaban ibsan.

Naamusa keessoo fi tajaajila si’aataa kennuuf hojiin qaamolee garaagaraa waliin qindoominaan hojjetamaa jiru jajjabeessaafi cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ragaan sobaa hojii manneen murtii irratti danqaa ta’aa jiraachuu fi manneen murtii dhimma kanarratti cimanii hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Yohaannis Malkaamuutu Gabaase.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.