Fana: At a Speed of Life!

Hayyoonni hojiilee qorannoo rakkoo hawaasaa furan hojjechuu qabu- Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Fulbaana 19, 2018 (FMC) – Hayyoonni galteewwan imaammataa ijaarsa biyyaaf bu’uura kaa’an qorannoon adda baasuuf hojjechuu qabu jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.

Korri qorannoo idil-addunyaa 22ffaan qindeessummaa Yuunivarsiitii Finfinnee, Yuunivarsiitii Hawaasaafi Dhaabbata Qorannoo Itiyoophiyaan qophaa’e Yuunivarsiitii Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.

Piroofeesar Birhaanuu Naggaa wayita kana akka jedhanitti, jijjiirama biyyaa itti fufsiisuufi rakkoolee hawaasaa ariitiifi waaraan furuuf hayyoonni hojiilee qorannoo irratti ciminaan hojjechuu qabu.

Gahee hayyoonni ijaarsa biyyaa keessatti qaban guddisuuf korawwan qorannoo walitti fufiinsaan geggeeffamuu akka qaban eeraniiru.

Hayyoonni hojiilee qorannoo rakkoo hawaasaa furan hojjechuu akka qaban hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.