Hedduminni humna mo’attummaa walooma cimsuudha – Obbo Mahaammad Idriis
Finfinnee, Qaammee 2, 2017 (FMC) – Hedduminni humna mo’attummaa walooma cimsuu dha jedhan Ministirri Ministeera Nageenyaa Mahaammad Idriis.
Guyyaa Gamtaa mata duree “Hedduminni faayaa Itiyoophiyaati” jedhuun kabajamaa jiru sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffameera.
Ministirichi wayita kana akka jedhanitti, lammiileen Itiyoophiyaa seenaa durii fi ulfina qabeessa qaban garaagarummaa sabaa, amantaa, afaanii fi aadaatiin osoo hin daangeffamne qormaata barootaa dandamachuun injifannoowwan galmeessaniiru.
Seenaa waloo, qabeenya waloo, duudhaalee hawaasummaa waloo, eenyummaa biyyaalessaa Itiyoophiyummaa dhiigaan hidhamee fi carraa badhaadhina waloo keenyaa haaromsuun fuulduratti itti fufuu qabna jedhaniiru.
Ministirri Ministeera Haqaa Haannaa Ar’aayasillassee ergaa paanaalii kanarratti dabarsaniin milkaa’ina hundagaleessa biyyaalessaa itti fufsiisuu fi qormaatilee keessa ce’uuf seenessa biyyaalessaa lafa qabsiisuu fi walooma cimsuu qabna jedhan.
Ministirri Deetaan Ministeera Barnootaa Aadde Ayyaleech Isheete gama isaaniin, qabeenyawwan akka hambaalee addunyaatti galmaa’an bu’aa waloomaa ta’uu dubbatan.
Marii paanaalii Hoggantonni Ministeera Nageenyaa, Haqaa, Barnootaa fi Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa waliin qopheessan irratti waraqaawwan qorannoo dhiyaatanii mariin irratti gaggeeffameera.