Hidhaaleen Madda Anniisaa Bishaan gahaa anniisaa barbaadamu maddisiisuuf isaan dandeessisu kuufatan
Finfinnee, Caamsaa 25, 2017 (FMC) – Hidhaaleen Madda Anniisaa hundi Bishaan gahaa anniisaa barbaadamu maddisiisuuf isaan dandeessisu kuufatan jedhe Humni Elektirikii Itiyoophiyya.
Anniisaa bara kana maddisiisuuf karoorfame maddisiisuuf kan dandeessisu bishaan gahaan kuufamuu Hojii Gaggeessan Hariiroo Ummataa fi Kominikeeshinii Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa obbo Fissahaa Getaachoon Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Hidhaaleen 14 Bishaan hanga Waxabajjii 30, 2017tti anniisaa barbaadamu maddisiisuuf dandeessisu kuufataniiru jedhan.
Gibee 3ffaa, Balas, Gannaalee Daawwaa 3, Takkazee, Galgal Gibee 1, Fincaa’aa, Malkaa Waakkannaa, Amartii Nashee, Ciis Abbay 1, Qooqaa fi kanneen biroon bishaan gahaa kuufachuu mirkaneessaniiru.
Hidhaaleen kunneen Bishaan Meetir Kiyuubii Kuma 74 fi 500 hanga Miiliyoona 400 fi 48 kuufachuu kan danda’aniidha jedhan.
Yohaannis Darriboowutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia