Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaarra darbee diinagdee biyyoota ollaa keessatti qooda olaanaa qaba
Finfinnee, Fulbaana 18, 2018 (FMC) – Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaarra darbee diinagdee biyyoota ollaa guddisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan hayyoonni.
Yuuniivarsiitii Siiviil Sarvisii Itiyoophiyaatti hayyuu diinagdee kan ta’an Gargaaraan Piroofeesaraa Mashashaa Zawdee, Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa humna elektirikaa guddaa maddisiisuu kan danda’u ta’uu kaasanii, humna kana haalaan fayyadamnaan Itiyoophiyaarra darbee diinagdee biyyoota ollaa jijjiiruu keessatti qooda guddaa akka bahatu ibsan.
Humni elektirikaa indaastiriiwwan oomishaa sochoosuun guddina diinagdee biyya tokkoo saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Hidhi Haaromsaas indaastiriiwwan oomishaaf humna elektirikaa dhiyeessuun oomishaafi oomishtummaa isaanii akka dabalu dubbatan.
Oomishaafi oomishtummaan indaastirii dabaluun ammoo galii kan guddisuufi hojii dhabdoota hedduuf carraa hojii kan uumudha jedhan.
Hidhi kun damee qonnaa keessattuu misooma jallisiifi horsiisa qurxummii keessattis qooda mataasaa kan bahatu ta’uu eeraniiru.
Kana malees hawwata tuurizimii ta’uun fi humna elektirikaa biyyoota ollaaf dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisuun guddina diinagdee Itiyoophiyaa si’eessuu keessatti gahee isaa kan bahatu ta’uu ibsaniiru.
Hariiroo daldalaa Itiyoophiyaan biyyootta ollaa waliin qabdu kan guddisuu fi waliin guddachuuf carraa kan uumudhas jedhan.
Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-Addunyaa kan ta’an Ibsaa Mootummaa gamasaaniin, Hidhi Haaromsaa guddina si’aawaafi qaroomina ammayyaa waliin deemu fiduu keessatti shoora olaanaa akka taphatu eeran.
Madda diinagdee uummanni biyyattii waliin qooddatuufi abdatu akkasumas kuni qabeenya biyya kooti jedhee kan ittiin boonu ta’eera jedhaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.