Hidhi Guddichi Haaromsaa mallattoo injifannoofi tokkummaati- Hayyuu Siyaasaa
Finfinnee, Fulbaana 9, 2018(FMC) – Hidhi Guddichi Haaromsaa mallattoo tokkummaa, injifannoofi agarsiistu jaalala biyyaa kan uummanni biyyattii waliin qooddatuufi ittiin walitti hidhamee baraa hanga baraatti jiraatuufi dhaadatudha jedhan Hayyuun Siyaasaa.
Yuunivarsiitii Ambootti Barreessaafi barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-Addunyaa kan ta’an Ibsaa Mootummaa, Hidhi kun seenaa Itiyoophiyaa fi gaanfa Afrikaa jijjiiruu kan danda’udha jedhan.
Hidhichi injifannoo uummata Itiyoophiyaa waliigalaa ta’uu kaasanii, humnaafi qabeenya uummata biyyattiin ijaaramuun isaa seenaa qabeessa akka isa taasisu ibsan.
Injifannoo dafqaafi dadhabbii uummata Itiyoophiyaa maraan milkaa’edha; injifannoo Adwaafi Karraamaarraati gadi miti jechuun ibsaniiru.
Keessumaa Itiyoophiyaan kophaa ishee hojii guddaa kana hojjechuufi sababa Hidhichaan humnoonni alaa itti duulanis jilbeenfachuu caalaa uummata ishee hiriirsitee milkeessuun injifannoo Adwaan wal isa fakkeessa jedhan.
Injifannoo kana keessatti jaalalli biyyaa mul’achuufi uummanni biyyattii dangaa hanga dangaatti waliin hiriiruu eeraniiru.
Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaafi Afrikaaf mallattoo injifannoo, tokkummaa, qaroominaafi akeeka guddinaa ta’uus ibsaniiru.
Kana malees humnoonni jajjaboon Afrikaa keessaa dhalachaa jiraachuu agarsiisa; Kun immoo Afrikaan barbaadamtuu qofa osoo hin taane kabajamtuufi murteessituu ta’uu akka dandeessuuf humna ta’a jedhan.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.