Hidhi Haaromsaa Guddichi xumuramuun isaa nu boonseera-Rogeeyyii Miidiyaa
Finfinnee, Hagayyaa 29, 2017 (FMC)- Hidhi Haaromsaa Guddichi xumuramuun isaa nu boonseera jedhan rogeeyyiin miidiyaa.
Ustaaz Jamaal Bashir Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif yaada kenneen, xumuramuun Hidha Haaromsaa qabeenya uumamaa keenyatti fayyadamuuf walabummaa qabnu argisiisa jedheera.
Itiyoophiyaanonni waggoota ja’an darbaniif hojiin Hidha Haaromsaa ilaalchisee hojjetan olola sobaa Ijipti waggoota 70’f tamsaasaa turte qolachuun dhugaa jiru addunyaatti kan beeksise ta’uu dubbateera.
Afaan adda addaan dhugaa Hidhichaa addunyaatti beeksisuu fi firii kana irra ga’ee arguun isaa isa boonsuu himeera.
Gaazexeessaa Ifaad Mahaammad gama isaan, Hidha Haaromsaa ilaalchisee hojiileen miidiyaa afaanota idil-addunyaa adda addaan hojjetaman ga’ee guddaa qabaachaa akka turan eereera.
Keessumaa Hidha Haaromsaa ilaalchisee dhugaa jiru miidiyaalee idil-addunyaa adda addaan Afaan Arabaatiin beeksisuurratti hojii guddaan hojjetameera jedhe.
Faanaa Miidiyaa Korporeeshin dabalatee Afaan Arabaa miidiyaalee addaa addaan eegalamuun odeeffannoo dhugaa addunyaatti beksisuuf ga’ee guddaa qaba.
Kana boodas Hidha Haaromsaa cinatti dhimmoota Itiyoophiyaa ilaallatan ifa baasuu cimsanii akka itti fufan roggeeyyiin kunniin mirkaneessaniiru.
Zufaan Kaasaahuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.