Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa asxaa milkaa’inaa baraa baratti darbudha- Obbo Muusxafee Mahaammad

Finfinnee, Fulbaana 9, 2018(FMC)- Pirezidaantiin Naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad Hidhi Guddichi Haaromsaa asxaa milkaa’inaa baraa baratti darbudha jedhan.

Eebbifamuu Hidha Guddicha Haaromsaa sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa Naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera.

Pirezidaantiin naannichaa obbo Muusxafee Mahaammad haasawa hiriira kanarratti taasisaniin, Hidhichi Itiyoophiyaanota hunda kan hirmaachiseefi waliigaltee biyyaalessaa guddise ta’uu ibsan.

Hidhichi humna elektirikaa maddisiisuurra darbee dhaggeeffatamummaa Itiyoophiyaan naannawicharratti qabdu kan guddisu, imala badhaadhinaa keenyas kan milkeessudha jedhan.

Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa siidaa injifannoo dhalootaa, ibsituu gamtoomaafi guddina keenyaati jechuun, xumuramee eebbifamuun isaa uummata Itiyoophiyaaf hiikkaa guddaa qabaachuu dubbataniiru.

Wayita ijaarsi isaa eegalamerraa kaasee qormaatileen alaafi keessaa hedduun mudachaa akka ture yaadachiisanii, kutannoo hoggansa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi deeggarsa uummata biyyattiin milkaa’uu eeraniiru.

Kunis akka biyyaatti tokkummaan yoo dhaabbanne seenaa hojjechuu akka dandeenyu kan mul’isedha jedhan.

Pirojektoota gurguddoo Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin ifooman keessaa muraasni naannichatti kan argaman ta’uu kaasanii, kunis uummata naannichaa baroottaniif misoomarraa fagaatee jiraateef misiraachoo guddaa ta’uu hubachiisaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.