Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa cichoominaa fi hafuura waltumsaan kan dhaabbate seenaa dhugaa uummattoota Itiyoophiyaati – obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Fulbaana 13, 2018 (FMC) – Eebbifamuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun hiriira deggersaa fi gammachuu ibsannaa naannoo Sidaamaatti geggeeffame ilaalchisee Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa dabarsaniiru.

Ergaa fuula miidiyaa Hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, beekumsaa fi falaasama lakkofsa baraan kan beekamu uummanni Sidaamaa xumuramuu Hidha Haaromsaa sirna isaa “Qeexaalaa” miidhagaa ta’een addabaabaayiitti ba’ee kabajuu ibsan.

Hidhichi lagni Abbayyaa Irbaataa fi Ibsaa ta’e abdii misoomaa Itiyoophiyaanotaa akka dhugoomsuuf akka dhagaa kattaatti cichoominaa fi hafuura waltumsaan kan dhaabbate seenaa dhugaa uummattoota Itiyoophiyaa ta’uu eeran.

Abbayyaan waggaa kuma booda biyya isaan kan walitti firoomse injifannoon Haaromsaa uummanni Sidaamaas karoora misooma biyyaa haamilee ni danda’amaatiin akka hojjetuuf carraa uumaaf jedhan.

Hidhi Haaromsaa, siidaa aadaa biyyaan miidhagee Guubaa irra dhaabbate fi ashaaraa danda’uun keenya ittiin mirkanaa’eedha jechuunis ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.