Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa dhiigaa fi dafqaa keenyaan kan milkeessine hambaa walooti – Dooktar Nagaash Wageeshoo

Finfinnee, Fulbaana 9, 2018 (FMC) – Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa dhiigaa fi dafqaa keenyaan kan milkeessine hambaa walooti jedhan Pireezidaantiin naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoon.

Eebbifamuu Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa hordofee Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaatti hiriirri gammachuu fi deeggarsaa gaggeeffamaa jira.

Itiyoophiyaan dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun hojjechuu akka dandeessu addunyaatti agarsiifte jedhan Pireezidaantiin naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoon haasawa saganticharratti taasisaniin.

Milkaa’inni hidhichaan argame mootummaan fayyadamummaa hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf tattaaffi gochaa jiruuf dandeettii dabalataa ta’uu eeran.

Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa dhiigaa fi dafqaa keenyaan kan milkeessine hambaa waloo fi mallattoo injifannooti jedhan.

Tokkummaa sabdaneessummaa caalmaatti cimsuun rakkoolee bulchiinsa gaarii fi hanqinaalee misoomaa furuun xiyyeeffannoo yeroo itti aanuu ta’uu kaasan.

Kana milkeessuufis tokkummaa fi cichoominaan hojjechuun murteessaa akka ta’e ibsan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.