Hidhi Haaromsaa gamtaan danda’uu keenyaaf ragaa jiraataadha- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Fulbaana 4, 2018(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Hidhi Haaromsaa gamtaan danda’uu keenyaaf ragaa jiraataadha jedhan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, lagni Abbaay dhorkaa tokko malee warqee, biyyee fi bishaan fudhatee deemaa ture gamtaa ijoollee biyyaan hidhamuun faayidaa biyyaaf ooluu eegaleera jedhan.
Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa kutannoo waloo Itiyoophiyaanotaan milkaa’uu kaasanii, seenaa gaabbii biyyattii cufuun imala barii ishee labsuu eeraniiru.
Hidhi Haaromsaa ifa maddisiisuurra darbee gahumsa badhaadhinaa egeree biyyattii ta’uus kaasan.
Hidhichi murtoo bilchaataa hoggantootaan, gamtaa uummataan, cichoominaafi wareegama humnoota nageenyaafi hojjettoota pirojektichaan milkaa’uu eeraniiru.
Har’a ganama uummanni magaalaa keenyaa mata duree “ Gamtaan Dandeenyeerra” jedhuun bahee hiriira deeggarsaa gaggeessuun injifannoo waloo kabajeera, Itiyoophiyaan qormaatilee cichoominaan injifachuu , rakkoo gara carraatti jijjiiruu itti beekti jechuun ibsaniiru.
Kaleessa qormaanni ishee mudate hin turre; gamtaan injifannoon ceeteetti; har’as dhiigaafi dafqa ijoollee isheen jabattee hin dandeessu kan jedhamte Hidha Haaromsaan danda’uu ishee akka agarsiiste eeraniiru.
Borus biyyi keenya irree gamtoomeen mul’ata ishee ni milkeessiti ; ijoollee isheef, Afrikaafi misooma haqa qabeessa kan barbaadan hundaaf fakkeenya ifaa, badhaadhinaafi guddinaa taatee kan itti fuftu ta’uu kaasaniiru.
Deeggarsa uummanni keenya kaleessas har’as akkasumas gara fuulduraatti kabajaafi guddina biyya keenyaaf taasisuuf ni galateeffanna jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.