Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa Guddichi dandeettii ofiin mootummaafi uummataan kan ijaaramedha- Waajjiricha

Finfinnee, Adoolessa 15, 2017(FMC)- Hidhi Haaromsaa Guddichi guutummaatti dandeettii ofiin mootummaafi uummataan kan ijaaramedha jedhe Waajjirri Qindeessaa Piroojektii Hidha Haaromsa Guddichaa.

Itti aantuun Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Waajjirichaa Fiqirtee Taammir ibsa miidiyaaleef kennaniin, Hidhi Haaromsaa Guddichi hirmaannaa Itiyoophiyaanonni maallaqaan, humnaan, beekumsaan, dippiloomaasiifi eegumsa naannoon taasisaniin milkaa’inaafi injifannoo olaanaa argame ta’uu ibsan.

Bara baajataa 2017’tti hidhichaaf deeggarsi karooraa ol sassaabamuu yaadachiisaniiru.

Haaluma Kanaan Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 600 sassaabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 700 sassaabamuu eeran.

Wayita ijaarsi isaa eegalerraa kaasee gurgurtaa boondiifi kennaa biyya keessaarraa Birrii biiliyoonni 20 fi miiliyoonni 100, hawaasa diyaaspooraarraa Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 600 ol, galii garaagaraarraa Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 700 sassaabamuus ibsaniiru.

Walumaagalatti hanga Waxabajjii 30/2017’tti Birrii biiliyoonni 23 fi miiliyoonni 600 ol hawaasarraa sassaabamuun ijaarsa hidhichaaf ooluu yaadachiisaniiru.

Guyyaa ijaarsi hidhichaa eegalerraa kaasee hanga Waxabajjii 30/2017’tti hojiin humnaafi yaa’aa Birrii biiliyoona 84 fi miiliyoona 400 olitti tilmaamamu hojjetamuus hubachiisaniiru.

Salamoon Bayyanaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.