Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa Guddichi kan Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane qabeenya biyyoota naannawichaati- Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC)- Hidhi Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa kan Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane qabeenya biyyoota naannawichaati jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.

Konfiransiin Naannawaa Afriiraan 4ffaan mata duree “ Walitti Hidhamiinsa Humna Naannawaa Misooma Hammataafi Waaraaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa, hoggantoonni dhaabbilee naannawaafi idl-addunyaa, dippiloomaatonni, hayyoonniifi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, konfiransichi yaada gara hojiitti jijjiiruufi tumsa humna naannawaa cimsuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Naannawaan daldala bilisaafi tumsi bu’uuraalee misoomaa daangaa ce’aan qaama ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 fi galmoota Mootummoota Gamtoomanii 2030 ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaan milkaa’ina galmoota kanneeniif gahee ishee bahachaa jiraachuu eeran.

Hojiileen misoomaa anniisaa haaromfamaa kutannoo Itiyoophiyaan tumsa anniisaa naannawichaaf qabdu kan agarsiisu ta’uu kan ibsan Dooktar Geediyoon kanaaf ammoo ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha akka fakkeenyaatti  kaasaniiru.

Hidhi Haaromsaa Guddichi kan Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane qabeenya naannawichaa ta’uu; humni hidhicharraa maddu biyyoota naannawichaa fayyadamoo akka taasisu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biyyoota naannawichaaf humna elektirikaa dhiyeessaa jiraachuufi cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Itiyoophiyaan tumsa naannawichaaf deeggarsa ishee cimsitee kan itti fuftu ta’uus hubachiisaniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.